Dr. Nemera Weyessa Profile Photo
Dr.

Dr. Nemera Weyessa

d. May 1, 2021

Blaine, MN

Ebla 6, 2021 Seenaa Gabaabaa Dr. Namarraa Feqaaduu Wayyeessaa Dr. Namarraan, Abbaa isaa Luba Fiqaaduu Wayyeessaa fi haadhaa isaa, Aadde Laakkaa Ji’oo irraa, Sadaasa 4, bara 1961, lixa Oromiyaa aanaa Boojji Dirmajiitti dhalate. Dr. Namarraan obbolloota durbaa shanii fi obboleessa tokko kan qabu yoo ta’u isaanis: Haannaa, Yashimabet, Biqiltuu, Kuluulee, Ayyaantu fi Toleeraa jedhamu. Barnoota sadarkaa duraa ganda itti dhalate keessa kan jiru, Mana Barnootaa Boojji Dermajiitti barate. Kutaa sagalii hanga kudha-lamaatti immoo, Mana Barnootaa Gimbiitti baratte. Dr. Namarraan yeroo barnoota sadarkaa lamaanitti barachaa turetti, yeroo boqonna manni barnootaa cufamutti, obbolaa isaa wajjin, hojji qonnaa fi waan garaa garaatiin, abbaa fi haadha isaa gargaaraa guddate. Jaalala fi kabaja namaaf qabu, seenaa, aadaa fi afaan lammii isaatti boonuus, achumatti horate. Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa qabxii gagaariitiin erga xumuree booda carraa biyya alaa deemee barachuu argatee barumsaa Dooktorummaa Qorichaa barachuuf bara 1979 gara biyya kuubaa deeme. Mana barnootaa Higher Institute of Medical School bakka jedhamutti, waggaa torbaaf baratee erga eebifamee booda bara 1986 tti biyyatti deebi’ee Mana Yaalaa Black Lion keessatti, bara 1987 hanga 1989 tti Residency isa hojjete. Residency isaa akka fixeen, Mana Yaalaa Xor Hayiloch Hospital jedhamutti keessaa amma mootumman Dargii kufetti hojetaa ture. Bara 1991tti, yeroo Dargiin kufee ABOn kan keessa jiru, Mootummaan Ce’umsaa Itoopiyaa aangoo dhabate. Haaluma kanaan Dr. Namarraan ABO tti makamuudhaan hogeessa Fayyaa ta’e gara Lixa oromiyaa annaa manasibuu bakka Harawee gaba jimaata jedhamtutti ramaadamee hoogummaa isaan waraana Bilisummaa oromoo fi hawasaa naannoo tajaajilaa ture. Bara 1992, Ergaa ABO’n mootummaan dhibamee Mootummaa Ce’umsaa keessaa ba’ee booda, waraana Bilisummaa Oromoo dukkaa deeme utuu tajaajiluu bakka Begii jedhamuti dhukkubasatee jaarsi tokko qorichaa aadaattin isa wal’aanee hedduu gargaaree. Erga fooyya’ee booda hiryootaa isaa waliin utuu gara biyya olaatti ba’uuf qophii irra jiranii namootaan saaxilamanii harka loltuu mootummaatti kufaanii gara mooraa Dhidheessatti geefamani. Mooraa Dhidheessa keessaa miseensoota fi degertootaa ABO kumaatamaan lakkawaman waliin naannoo ji’a torbaf erga hidhamee booda hiikame. Akkuma moraa dhidhessaa keessa baheen garaa finfinnee dhufuudhaan dhabata mitti mootummaa ORA keessaa hojechuudhaan waraana bilisummaa Oromoo warra lola irraatti rukutamaan dhossaadhaan tajaajilaa turan. Kanamaless, yeroodhuma ORA keessa ture umata oromoo naannoo Boranaa, Diree Dhawaa, caanqaa jiraan hoogumaa isaan tajaajila ture. Haaluum kannan bara 1995, hafeeraa kadhimaan isaa Adde Baayyee Nagaasaa ergiteefiin gara biyya amerikaa dhufee. Dr. Namarraan Adoolessa 13 bara 1996 tti Aadde Baayyee waliin bakka maatiin, firoonii, hiriyyoonni fi Hawaasiin Minnisoota argamaniiti cidha isaanii godhatanii ijoollee lama: mucaa dhiiraa Ebuma jedhamu Bitootessa 3, bara 1998 kan dhalate fi University of minnesota irraa bara darbe kan eebbifame fi mucaa durbaa, Lemane jedhamtu Eblaa 1, bara 2000, kana dhalattee amma Winona University wagga 3ffaa barachaa kan jirtu qabu. Dr. Namarraan erga gara biyya kana dhufee qormataa hoogumaa isaattin isa hojechiisuu danda’u fudhatee darbuudhaan St. Paul keessa kan jiru Regions Hospital fi idoo garaa garaatti baraa 2000 kaasaa amma gaafa dhukkubsaatee hojii dhabeeti hoogumaa isattiin tajaajilaa ture. xaxxabataa, kan nama kofalchiisee ofii isaatiifis kofluu jaallatu, dhalootni ijoollee isaatii madda koflaa iaaf dabale. Dr. Namarraan afdaanneessa ture. Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Ingilizii fi Spanish tiin yaalii gaarii jaalala onnee irraa madduun qabee namaa kennaa ture. Bikka dalaga isaatti haa ta’uu, yeroo qoomnii argatuttis, lammii isaatiif gargaarsa fayyummaa kennaa ture. Itti dabalees, gartuu kubbaa miillaa Gadaa jedhamu keessatti xabachuu fi xabattoota ol-adeemoof leenjii kennaa, fakkeenya gaarii hundumaaf ta’uun mallattoo jireeny isaa ture. Kanamalees, OSFNA keessa bara dheeraa tolaoltuumaan tajaajila ture. Jireenya isaa keessatti kan inni itti cichee irratti hojjechaa ture, uummatni Oromoo bilissummaa isa dhugaa argatee, biyyi isaa Oromiyaan akka bilisoomtu gochuuf gummaacha danda’u hunda kennuu ture. Kan hunda keenya garaa nu nyaatu, har’as akkuma kaleessaa fi dheenggaddaa, lammiin Oromoo bikka hedduutti kumaatamaan reebamaa, hidhamaa, ajjeefamaa osoo argaa jiraatuu darbuu isaati. Haala sana jijjiiruuf, utuu lubbuutiin jiruu, hanga qarqara du’aa ga’utti osoo of hin qusatin, gatii addaa addaa baasaa ture. Minnesota erga dhufee kaasees miseensa ABO Damee MN tahee dirqama itti kennamu fiinxa baasaa, gargaarsa humnaa, kan dinagdee fi, kan yaadaa, kan gaafatame daran gumaachaa osoo jiruu Dr. Naamarran yeroo gabaabaatii ka’ee sagaleen isaa nu duraa xiqqaachaa, ilkaan isaa nu duraa mimmiliqaa dhufe. Baatiilee muuraasaa kaasee addunyaa kana irraa Dr. Namarraa butuuf dhukkubni kanserii isa irratti hojjechaa akka ture maatiin hubatan. Sambata Diqqaa sa’a 4 WD maatii isaatiin marfamee osoo jiruu duuti Dr. Namarraa fudhattee godaante. Wawwaannaan warra isa mararfatan hundaa waa gochuufii hin dandeenye. Oduun du’a uumama jaallatamaa sanaa, akka abidda furaa qaabatee, takkaadhaan addunyaa keessatti faca’e. Hedduun oduu sana fudhachuus, amanuus ni didan. Dr .Namarraan nama waan jedheeti ammanu, nama kayyoo isaa hin jijiiree, xaxxabataa, kan nama kofalchiisee ofii isaatiifis kofluu jaallatu,firaa isa kan jaalatuu xinnaa guddaa utuu adda hin baasiin kan waaliin xabatu hawaassa biraat nama jalaatamaa kan tureedha. Dr. Namarraan, haadha-manaa isaa, ijoollee isaa, abbaa fi haadha isaa, obboleeyyan isaa, soddootii isaa, hiriyyoota isaa, qabsoo bara dheeraa keessatti kan waliin turan jaallan isaa, lammi isa beekan fi waa’ee isaa dhaga’an hunda dhiisee biraa kute. Haalli, ganna soddomaa oli dura qabsootti isa kakaase osoo hin fooyya’in, hawwiin isaa fi abdiin isaa osoo bikka hin ga’iniif gaafa Ebla 1, 2021 nu irraa adda bahe. Dhaloonni haarayaan, kan ijoolleen isaa keessa jiran garuu, hawaii isaa ni guutuuf! Dr. Namarraa, Qaxale, Waaqni Jennata siif haa kennu! Lubbuu kee aara haa galfachiisu! Nagaatti

To order memorial trees or send flowers to the family in memory of Dr. Nemera Weyessa, please visit our flower store.

Service Schedule

Past Services

Visitation

Thursday, May 6, 2021

11:00am - 12:30 pm (Central time)

Enter your phone number above to have directions sent via text. Standard text messaging rates apply.

Funeral Service

Thursday, May 6, 2021

Starts at 1:30 pm (Central time)

Ebenezer Oromo Evangelical Church - Minneapolis

3901 36th Ave S, Minneapolis, MN 55406

Enter your phone number above to have directions sent via text. Standard text messaging rates apply.

Interments

Thursday, May 6, 2021

Starts at 3:10 pm (Central time)

Enter your phone number above to have directions sent via text. Standard text messaging rates apply.

Guestbook

Visits: 39

This site is protected by reCAPTCHA and the
Google Privacy Policy and Terms of Service apply.

Service map data © OpenStreetMap contributors

Send Flowers

Send Flowers

Plant A Tree

Plant A Tree